Accessibility links

Breaking News

Yunaaytid Isteetes Komandarii Hutti Irra Uggura Keeche


Wal waraansii Yaman keessaa lafa irra harkiifataa jira. Riphxee looltonni Huttii bara 2014 mootummaa Yaman rratti haleellaa eega labsanii as, namoonni kuma 200 fi kuma 33 lubbuu isaanii dhabanii jiru. Kana malees rakkoon gargaarsa dhala namaa addunyaa irratti hamaa ta’e dhaqqabee, uummata Yaman Miliyoon 30 ta’u keessaa harkii 80ni lubbuun jiraachuuf gargaarsa irratti hirkatanii jiru.

Mootummaan Yunaaytid Isteetes dhiyeenya kana aangawaa fi ajajoota waraanaa akkasumas jaarmayaa deggersa lojastiika kan waraana Huttiin to’atamuuf kan hogganu Saaleh Alshaer irra ugguura ka’ee jira.

Ministriin maallaqaa akka jedhutti Alshaer hogganaa Huttii kan ta’e Abdul Malik al-Huttii waliin hidhata dhiyoo kan qabu yoo ta’u qabeenya Huttiin yaman keessaa qabu kan Doolaara Miliyoona 100 caaluu humnaa fi sodaachisuu dabalatee tooftaa seeraan alaa adda addaa gargaaramuun to’ataa jira.

Qabeenyaan kun kanneen Huttii morman biraa kan saamamee, waraannii Huttii yaalii gochaa jiruuf akka itti gargaaraman ta’e, tasgabii dhabiinsa hammeessuun rakkoo hamaa uummanni Yaman duraa kaasee keessa jiru daran hammeessan jedha ministriin maallaqaa ibsa baaseen.

Lammiwwan Yaman kanneen Alshaer qabeenya isaanii saamuuf yaalii ennaa taasisuu diidan, humnaan gargaaramee eega isaan hidhee booda akka isaan tole jedhan taasisaa ture.

Kanneen diddaa hammeessan immo, Alshaer hidhee waajiira nageenya biyooleessaa kan Huttiin to’atamuu keessatti yeroo haganaaf jedhamee ituu hin murteessin hidhee sobaan basaastoota jechuun maqaa itti kenna jedha ministiriin maallaqaa kun.

Saaleh Alshaer qondaala waraanaa kan qabeenya lammiwwan Yaman jalaa hatuun walitti bu’iinsii Yaman keessatti gaggeeffamu akka itti fufuu taasisuu, saamiinsa gaggeessuuf isaaf itti gaafatamaa dha jechuun, waajiira qabeenya biyya alaa keessaa jiru kan to’atuuf daayreekteera kan ta’an Andriyaa Gacki barreessanii jiru.

Lammiwwan Yaman carraa caasaa maallaqa addunyaa akka hin argannee gochuun rakkoo biyyatti keessaa hammeessaa warra jira saaxiluuf Yunaaytid Isteetes cicha qabdu itti fuufti.

Kanaafis jecha qabeenyaa fi waan biraan martii kan maqaa Saaleh Alshaeriin Amerikaa keessa jiru ykn maqaa lammiwwan Amerikaan jiru kan ugguramee yoo ta’u kunis gabaafamuu qaba.Kana malees namoonni Amerikaa keessa jiran hidhata herreega maallaqaa Saaleh waliin qabaachuun dhorkaa dha.

Tarkaanfiin kun fudhatamuun Uummata Yamaniif dhaamsii dabarsuu Amerikaan isin waliin dhaabatti kan jedhu.Ministeerrii dantaa alaa kan Yunaaytid Isteetes Antonii Bliinkan ibsa baasanii kanneen rakkoo gargaarsa dhala namaa Yaman keessatti hammeessan akkasumas rakkoo uummata Yaman irra ga’aa jiru irraa kanneen bu’aa isaanii eegsiisuu fedhan callinsaan hin ilaalluu jechuu isaanii xuquun gulaalaan har’a yaada isaa xumuree jira.

XS
SM
MD
LG