Accessibility links

Breaking News

Amerikaa fi Guyyaa Galataa 


Bara 1621 keessa ji’a Fulbaanaa fi Sadaasaa 11 jidduu warrii Ingiliish haawwanii fi ijoollee warra lafaa ka Indii nama 90 ufitti daree kutaa Amerikaa durii Plymouth, amma Massachussets jedhanitti guyyaa galataatiif waltitti dhufan.

Yoo midhaan galfatanii irraa bahan duruu finnii warraatuu kanuma,waaqa ufii galateefatan. Bara sun ganna tokkoon duratti,1620 keessa warrii lafa itti qubatu barbaada yaa’u nama 102 ture.

Bidiruu Mayflower jedhan hojjattoota 30 waliin lafa garboomfatan abuurachuu daran.Adoo yaahanuu daarii afaan galaanaa ardi North Amerikaa gahan.

Warrii kun warra amantii kiristaanaa ta Ingilaandi irraa citee bahe.Bara sunitti mootummaan Ingilaandi warra kanaan warra seera malee yaahu jedhaan.

Awurooppaa keessatti amantii kiristaanaa oofachuu dadhabanii,Amerikaa Virjiiniyaatti godaanan.

Adoo karaa yaahanuu qilleensi itti hammaatee,cabbiin itti hammaatte,lafa silaa jarii itit yaahu Virjiiniyaa gahuuf km 350 haqatanii lafa Cope Cod doonii dhaaban.

Eegee yaada dhibiin dhufeef,gamatti taakkuu didanii achuma qubtanii akkuma amantii ufii jiraachuuf achuma qabatan.

Adoo ganna hin gahin warra sun keessaa namii 102 kaan beelaa,dhukkubaa fi qilleensii itti hammaatee keessaa dhumate.

Cabbii dabartee jennaan gannii dhufe akka midhaan bahaniif.Midhaan galfatanii irraa bahanii jennaan dhiira 22, haawwan 4, ijoollee dhiiraa dardara 9,ijoollee dubraa gaaltama nama 5 fi ijoollee dididiqqoo amma jajjabeeffachuutti jirtu namii 13 walgahe.

Gosa olloota itti qubatanii gosa Wampanoag waliin midhaan galfatanii galatateeffachaa waliin sooratan.Amerikaatti kutaa Massachusetts qofaa miti guyyaa galataa,Thanks giving yoo midhaan galfatanii irraa bahan ollaan wal yaame waaqa galateeffatu.

Warrii Ispaanishii fi Ingiliish lafa abuurachuu yaa’u bara 1620 durattuu kutaa Florida, Teksas, Maine fi Virjinyaa keesattu akkuma kana galata galchaaf.

Warrii Massachussets itti cininnatee nama hedduu dhugeeffachiisee bara 1863 keessa Amerika cufa keessa akka guyyaan galtaa tokkoo jiraatu pirezidaantii Abraham Lincoln seera sitti baasee walii galan.

Guyyaan galtaa sun yoo cufa torbaan afreessoo Sadaasaa irra oola. Kana ammo Pirezidaanti Firaankiliin Delano Roosveltitti tolche.

Guyyaa galtaa kana warra biyya ormaatii jireenna wayyaa qabu barbaada yaa’utti ka warrii lafaa itti dhufanilleen gargaaree qubsiise jalqabe.

Adoo warrii lafaa gaafas gargaaruu baatee qilleensaa fi cabbii lafa hin beenne ka North Amerika sun irraayyuu hin hafan.Amma guyyaan galata haga guddaan maati fi dhalaa fi hariyatti walti dhufa.Ha taatuu ammo barana koronaan baananuu yaayyuu wal nama hanqise.

Tun ammoo kophaallee tahan waan dabree galateeffachaa waan itti yaahan abdachaa nama hin dhowartu.Guyyaan galataa Adoolessa 26 irra oola.

XS
SM
MD
LG