Accessibility links

Breaking News

Maaliin Bulchiinsa Dimookiraatawaatti Deebi'uu Qabdii


Yunaayitid Isteetis Maaliin yeroo qabameefitti gara mootummaa adeemsa dimokraatawaan filatamette akka ceetu waamicha hawaasi addunyaa dabarsetti makamtee jirti. Kun bakka bu’aa eeggataan dhimmootii siyaasa addaa kan Yunaayitid Isteetis Jeffrey DeLaurentis gola naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaaf dhiyeenya Maalii ilaalchisee ibsa kennan ture.

Al Qaida fi ISIS waliin kanneen hariiroo qaban garee finxaaleyyii nageenya lammiiwwaniif balaa ta’an dabalatee, Maaliin waggoota dhiyoo as jeeqama siyaasaan raafaaa jirti. Kunis baatii sagal keessatti angawoota mootummaa ce’umsa siivilii aangoo irraa darbuu dabalata.

Baatii Hagayya waggaa darbee koloneel Assimii Goyitaa-n gareen hoogganame prezidaantii adeemsa dimokraatawaan filatame aangoo irraa darbe. ECOWAS biraa dhiibbaan erga godhameen booda qooda muummichi ministeeraa fi prezidaantiin qabaatuun mootummaan ce’umsaa siivilii hundeeffame. Koloneel Goiytaan mootummicha keessatti itti aanaa prezidaantii ta’uun baatii sagaliif tajaajilan. Caamsaa 24 bara 2021 hoogganoota sivilii hidhaatti darbuu dhaan mootummaa fonqolchan.

Guyyoota hang tokko booda manni murtii heeraa Maalii prezidaantii yeroo ce’umsaa gochuun isaan muude. Waxabajjii 9, Goiytaan hoogganaa sochii gootota jijjiiramaa fi sivilii kan ta’an Choguel Kokalla Maiga muummicha ministeeraa gochuun moggaasan.

Yunaayitid Isteetis miseensota hawaasa addunyaa waliin ta’uu dhaan kanneen Maalii keessaa hidhamanii jiraii fi manaa akka hin bane ugguraman akka hiikaman gaafatte.

Ambaasaadderri Yunaayitid Isteetis DeLaurentis akka jedhanitti namonin kun hidhamuun biyyattiin gara dimokraasiitti deebi’uu fi ol aantummaa seeraa irratti haleellaa kallattiin oofamu jedhan. Itti dabalees mootummaan dimokraatawaan Siiviliin hoogganamu Maalii keessatti nageenyaa fi badhaadhina diriirsuuf carraa waan ta’eef, mootummaan ce’umsaa akkuma waadaa seene yeroo qabameef Guraandhala bara 2022tti filannoo geggeessuun ka dursi kennamuuf ta’uu qaba.

Filannoon Guraandhala bara 2022 kan haqaa fi walabaa ta’uun akkaan barbaachisaa dha. Kanaaf akkaataa hojii ifa ta’an gargaaramuu dhaan raawachiistota filannoo dandeettii qabanii fi ka dhuunfaan geggeessamuu qabu jechuu dhaan ambaasaadder DeLaurentis ibsaniiru

Filannoo prezidaantummaa dhufaa jiru irratti, prezidaantiin yeroo ce’umsaa, itti aanaa prezidaantii fi muummichi ministeeraa haala isa kamiinuu kaadhimamtoota ta’anii dhiyaachuu akka hin qabaanne illee dubbataniiru.

Mootummaan tokko lammiiwwanii fi eegumsa gochuu fi kabajamuu mirga namaaf itti gaafatama irra jiru dagachuu akka hin qabaanne kan tuqan ambaasaadder DeLaurentis mootummaan ce’umsaa tasgabbii fi komee hawaasaaf furmaata fiduuf haala mijataa akka uumu waamicha dabarsaniiru.

Mootummaa seeraan filatame uumuuf ce’umsa godhamu kan gofachiisu tarkaanfii kamiifuu deebii kennuuf filmaata imaammata alaa adda addaa ni ilaalla jedhan ambaasaadderichi. Uummati maalii hawwii inni dimokraasii, nageenya, misoomaa fi kabajamuu mirga namaaf qabu cina cimsinee ni dhaabanna jedhan jechuu dhaan gulaalaan har’aa yaada isaa xumura.

XS
SM
MD
LG